Finfinnee, Caamsaa 6, 2018 (FMC) – Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee, ji’ottan 10’n darbani keessatti daldala alaa irraa galiin dolaara biiliyoona 8.7 argame jedhan.Wiirtuun Gabaa Itoophiyaa (ECX) ogeessota damee daldala alaa oomishaalee qonnaa, akkasumas dhandhammii fi sadarkaa bunaa irratti ji’oota sadiif leenjisaa ture har’a eebbisiiseera. Dooktar Kaasaahun Goofee wayita kana galiin biiliyoona 8.7 argamuun abdachiisaa ta’uu eeranii, hanga xumura bara baajataatti galii kana gara dolaara biiliyoona 10tti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.Akkaadaamiin Wiirtuu Gabaa Itoophiyaa ogeessota gahumsa qaban horachuu irratti hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jirus ibsanii, sirna gabaa alaa ammayyaa fi bu’a qabeessa ta’e ijaaruuf humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gabbate horachuun murteessaa ta’uus hubachiisan. Leenjifamtoonni har’a eebbifaman daldala alaa beekumsaa fi ogummaan hoogganuuf carraaqqii taasifamu keessatti gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. Hoji-geessisaan Olaanaa Wiirtichaa Obbo Margiyaa Baay’isaa, dorgommi Itoophiyaan gabaa alaa irratti qabdu guddisuuf leenjiin qulqullinaa fi sadarkaa baasuu kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Akkaadaamichi bara 2015 irraa jalqabee damee dhandhammii bunaa qofaan leenjifamtoota kuma 3 fi 200 ol akka eebbisiises eeraniiru.Barana ammoo daldala alaa oomishaalee qonnaa fi sadarkaa bunaa irratti ogeessota 168 eebbisuu himan.Biyyoonni Afriikaa 8 ol muuxannoo akkaadaamii kanaa qooddachuu isaaniis ENA’n gabaaseera.#Oromia #Ethiopia