Finfinnee, Caamsaa 9, 2018(FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee miseensota raayyaa nageenyaa kuma 12 marsaa 7ffaaf leenjiisaa ture eebbisiiseera.Raayyaan nageenyaa kunneen kutaalee magalichaa hunda irraa kan filatamaniifi nageenya magaalaa isaanii eeguu irratti leenjii adda addaa fudhataa kan turan ta’uu ibsame.Hoggantuu Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalaa Finfinnee Liidiyaa Girmaa, nageenya magaalaa keenyaa eeguuf jiraattota magaalaa keenyaa waliin taanee hojii boonsaa hojjetaa jirra.Raayyaan nageenyaa leenjii fudhachaa turanii nageenya hawaasa isaanii eeguuf qophaa’an kun imaanaa guddaatu isaan irraa eegamaa jedhan.Magaalaan Finfinnee magaalaa konfiraasiiwwan idil addunyaa itti gaggeeffamuufi giddu gala tuurizimii ta’uu isheen keessummoota danuu keessummeessaa oolti. Kanaaf nageenya isaanii eeguuf imaanaa keenya haa baanu jedhan.Filannoo walii galaa marsaa 7ffaa bara kana filatamuuf jiru irratti rakkoon nageenyaa akka hin muudanneef tumsa barbaachisaa akka taasiftan dhaamaniiru.Komishinarri Komishinii poolisii Magaalaa Finfinnee Leetanaal Jeneraal Asirat Denneeroon gama isaaniin, nageenyi kan eegamu qaamolee nageenyaa qofaan miti. Kanaaf jiraattonni qaamolee nageenyaaf tumsa barbaachisaa taasisuu akka qaban gaafatan.Raayyaan nageenyaa har’a eebbafame kun nageenya magaalaa Finfinnee waaressuuf gahee olaanaa waan qabuuf Poolisii magaalichaa waliin ta’uun imaanaa isaanii sirnaan akka bahatan yaadachiisan.Bahaayiluu Baaneetiin#Oromia #Ethiopia