Ergaa Ittaanaa Ministira Muummee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 9, 2018(FMC) –Misoomni Koriidarii Baadiyyaa Naannoo Hariirii haala jireenyaa Qonnaan Bultootaa jijiiruun agarsiiftuu olaanaadha jedhan Ittaanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaan.Kaayyoon misooma Koriidarii haala jireenyaa qonnaan bultootaa jijjiiruu, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, akkasuma jireenya qonnaan bultootaa fooyyessuu ta’uu ibsan.Aanaa Soofii ganda Burqaatti hojiileen biyyoo fi dhagaa naannichaatti argamu fayyadamuun beekumsa hawaasaan qulqullinaan hojjetaman agarsiiftuu olaanaa ta’uu dubbatan.Manneen Qa’ee Moodaala kana keessatti ijaaraman paakkejjii guutuu kan hammatan ta’ee eeran.Misoomni Koriidarii Baadiyyaa humnaa fi beekumsa mandhalee fayyadamuun baasii xiqqaan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fakkeenyummaa gaarii qabu kan galmeesse ta’uu isaan caalmaatti cimee itti fufa jedhan.#Oromia #Ethiopia