Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan Afriikaa keessaa biyya guddina % 10.2 galmeessistuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummeen har’a Paarkii Indaastirii Galaan Guuraa eebbisanii wayita banan ergaa dabarsaniin, jijjiiramni kan dhufu hojiidhaan qofa waan ta’eef jabaannee hojjechuutu nurraa eegama jedhaniiru.Badhaadhina Itiyoophiyaa waliin ni argina, ijoolleen keenyas matumaa hin kadhatan” kan jedhan Muummichi Ministiraa, “Anis ta’e isin yoo hojjechuu baanne jijjiiramni hin dhufu” jechuun ibsaniiru.Addunyaan godaantuu hin jaallattu; yeroo dhiisnee deemnus ta’u yeroo gara isheetti deebinu kan nu hin nuffine Itiyoophiyaa waan taateef, biyya keenya eeggachuu fi misoomsuu barbaachisa jechuun hubachiisan.Damee tuurizimiitiin hojiiwwan jalqabaman bu’aa fidaa akka jiran ibsuun, namoonni alaa dhufanii bu’aa dafqa keenyaan arganne dinqisiifachaa osoo jiranuu, nuyi akka waan hinarginee ta’uu hin qabnu jedhaniiru.Hojii hojjenneen warri kaan nu dinqisiifachuu isaaniitiin osoo of hin dagatin, hojii caalu hojjechuuf kaka’uu qabna” jechuunis dhaamaniiru.Itiyoophiyaan waggaa kanatti %10.2 akka guddattu eeranii, guutuu Afriikaa keessatti biyyi sadarkaa kanaan guddatu kan biraan tokkoollee akka hin jirre dubbatan.Guddina kana caalaatti ariifachiisuu fi babal’isuun lammiilee keenya fayyadamoo gochuu akka qabnu ibsuun, wal dhiibuun waan hin baafneef garaagarummaa amantii, afaanii fi saalaa kabajuun barbaachisaa ta’uu akeekaniiru.Yoo wal kabajnee fi waliin jiraachuu dandeenye, biyyi keenya miidhagduu fi hunda keenyaaf kan geessudha jechuun ibsaniiru.Waan jalqabnee hin xumurin fi yaadnee hin milkeessin tokkoollee hin jiru” kan jedhan Ministirri Muummeen, hanqinni maallaqaa, dhibaa’ummaan namootaa fi gabaabachuun yeroo nu hin dhaabne jedhan.”Hanni akka hin jiraanne, onneerraa akka jabaannu, akkasumas hunda hammannee akka qabnuu fi garaa qajeelaa akka qabaannu” jechuunis dhaamsa dabarsaniiru.Wandimmagany Tsaggaayeen#Oromia #Ethiopia