Finfinnee, Caamsaa 8, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp hogganaan ‘ISIS’ Abuu Bilaal Miinuuki ajjeeffamuu beeksisan.Pireezidaanti Doonaald Tiraamp ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Abuu Bilaal Miinuuki oppireeshinii humnoonni waraanaa Ameerikaafi Naayijeeriyaa waloon gaggeessaniin ajjeeffamuu ibsan.Waashingitan Abuu Bilaal Muuniikiin bara faranjootaa 2023 shorokeessaa idil-addunyaa jechuun kan farrajje yoo ta’u, garicha keessatti hogganaa lammaffaa dhaggeeffatamummaa guddaa qabu akka ta’es ibsameera.Waraanni Naayijeeriyaa dhimmicha irratti hanga ammaatti waan jedhe hin qabu.Abuu Biilaal Muuniiki garichatti seelii Afrikaa kan hogganu yoo ta’u, keessumaa garee biyyoota Chaad, Niijer fi Maalii keessa socho’u olaantummaan hogganaa ture jedhame.Pireezidaanti Doonaald Tiraampi hogganichi ajjeefamuun garicha akka miidhu ibsuun tumsa mootummaan Naayijeeriyaa taasiseef galateeffataniiru.Abeel Nawaayiin.#Oromia #Ethiopia