Kenniinsa eeyyama fi sirna to’annoo yaalaa diijitaalessuu…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Caamsaa 13, 2018 (FMC) – Yaaliiwwan wal’aansaa haaraan gara hojiitti akka galan eeyyama kennuu fi sirna to’annoo diijitaala taasisuun hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa.Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa sirna iyyannoo onlaayinii yaalii wal’ansaa fayyaa haaraa ijaarsise har’a hojii eegalchiiseera.Meeshaaleen yaala fayyaa, qorichaalee fi galteewwan yaala fayyaa haaraa fi yaaliirratti argaman kanneen nageenyummaa fi dandeettiin fayyisuu isaanii mirkanaa’e saffisaan gara hojiitti akka galan xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministir Ministeera Fayyaa Fireehiwaat Abbabaan ibsaniiru.Sirni yaaliiwwan wal’aansaa haaraan gara hojiitti akka galan eeyyama kennuu fi sirna to’annoo diijitaala taasisuuf dandeessisu diriirfamuu dubbatan.Kunis nageenya fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.Yaaliwwan wal’aansa fayyaa haaraan nageenya fayyaa hawaasaa eeguuf qoodni qaban olaanaa ta’uu Daayrekterri Olaantuun Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa Heeraan Garbaan dubbataniiru.Yaaliwwan wal’aansa fayyaaf eeyyama kennuu fi sirna to’annoo ulgaalaa idil addunyaan diijitaalessuuf hojiileen raawwataman bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu ibsuu isaaniin TOI gabaaseera.#Oromia #Ethiopia