Wayita gamtoomne jabaannee, gaafa walqoodne garuu dadhabaa jiraanne!!Seenessi dogoggoraa ture shirri har’as jiru bu’aa kaleessatti.Kaayyoon shira kanaa ifaadha: bishaan keenyaa fi qabeenya uumamaa biroo to’achuu, akkasuma dantaa qubsama siyaasaa isaanii guutuufi.Itiyoophiyaanonni akka wal lolanii fi gad taa’anii hin mari’anne shira xaxaa, garaagartee leellisaa, qoqqoodinsa keessoo fayyadamaa turaniiru.Sabaaf sablamoonni biyyattii akka walii hin galle dallaa jibbiinsa ijaaraa turan.Diinonni Itiyoophiyaa wayita Itiyoophiyaanonni ijaaraan dhokatanii, wayita wal lolluu fi walfalminu gidduu seenanii faayidaa isaanii kabachiifataa jiraatan.Nutis garaagartee keenya karaa qaroomeen hiikkachuu dhabuun, shira diinaaf nu saaxileera.Wayita adda fagaanne akkuma dadhabne wal dhiigsaa fi wareegama qaalii kaffalaa jiraanneerra.Dhugaan jiru garuu shira diinaarraa kan fagaateedha.Itiyoophiyaanonni ummata ogeessa yeroo qormaataa waldubbisuu, mari’achuu fi waldhaggeeffachuu danda’an ta’uu isaanii mirkaneessa.Dhaabbileen aadaa karaa qaroomeen garaagartee keessummeessu danda’an jiru.Ogummaan Sirna Gadaa fi Jaarsummaan Oromoo, Yaajookaa Qiiccaan Guraagee, Soongoon Sidaamaa, Woomaan Walaayittaa, Heeriin Somaalee, Maadaa’aan Afaar fi kanneen biroon duudhaalee mandhalee fayyadamuun garaagartee marii fi marabbaan furuu danda’aniidha.Cabiinsa siyaasaa kana fayyisuuf waliin dubbachuu, waldhaggeeffachuu fi yaadaan walfalmuun duudhaa keenyadha.Gaaddisa nageenyaa qabnu fayyadamnee, madoo kaleessaa dhiifamaa fi araanaan fayyisuuf mari’achuun, diinota alaa qaanessaa, biyya cichoomtuu, diimokiraatooftuu taate injifannoon ijaarra. Itiyoophiyaanonni yoo tokkoomaan yeroo kamiiyyuu injifattoota.Dhugaa fi seenaan keenya tokko, wayita waliin dhaabbanne ni cimna, wayita walqoodne ni dadhabna.Amma barri garaagartee fi dadhabbii darbeera.Boqonnaan seeraa haaraa walitti qabamuu, waliin mari’achuu fi jabaachuu eegaleera.Mariin Biyyaalessaa cabiinsa seenaa sirreessuuf furmaata murteessaadha.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia