Yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan gaggeeffamaa jira- Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC)- Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee yaa’iin marii biyyaalessaa milkaa’inaan gaggeeffamaa jira jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.Piroofeesar Masfin Ar’aayaan ibsa kennaniin, yaa’iin marii biyyaalessaa dammaqinaan eegalame haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.Bakka buutonni yaa’ichaa hubannoo gaarii akka qabaatan taasifamuu yaadachiisuun, Komishinichi adeemsa ajandaa walitti qabuu dabarsee fi sadarkaa amma irra jiru ilaalchisee ibsi godhamuu kaasaniiru.Keessumaa bakka bu’oota gareewwan miseensota 500 qabanitti qooduun adeemsa mariifi ajandaalaa saddettan adda baafaman irratti ibsi kennamuu dubbataniiru.Yaa’ichi eegaluun dura hojiileen adeemsichaafi gahumsa isaa irratti hubannoo uumuu barbaachisaa ta’uu kaasanii, qajeeltoowwan marii, seerota danbii, of-eeggannoowwan maricharratti godhaman fi sirnoota adeemsaa biroo ilaalchisee bakka bu’oota filatamaniif hojiin ibsa kennuu hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.Miikiyaas Ayyalaan.#Oromia #Ethiopia