Finfinnee, Adoolessa 10, 2018 (FMC) – Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Poolisii Dubaay waliin ta’uun Shakkamtoonni karaa seeraan alaa namoota daddabarsaa turan to’ataman jedhe.Shakkamtoonni kunneen daddabarsa namootaa balafaamaa ta’an raawwachaa turuu ibse.Shakkamaan Daawud Tafarii Laggasaa fi Dastaa Taganyi Abagaaz jedhamen lammiilee Itiyoophiyaa heddurratti yakkoota gara jabinaa raawwachaa turan to’atamaniiru.Shakkamtoonni kunnen lammiilee Itiyoophiyaa 105 karaa seeraan alaa gara Dubaayitti dabarsuun Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 88 ol miidhamtootarraa walitti qabuu isaanii ibse.Lammiilee heddurratti dhiittaa namoomaa hamaa ta’e raawwachuu isaani himeera.Poolisiin Federaalaa Poolisii Dubaay waliin gurmaa’uun namoota kanneen to’achuun Itiyoophiyaaf dabarsee kenneera.Dhaabbilee hayyama seeraa fakkeessuun namoota seeraan ala waliin hojjechuun gocha yakkaa raawwatan akka jiran adda baasee, qorannoo isaa qaamolee kanneen irratti taasisu cimsuun akka itti fufu beeksiseera.Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa, namoota seeraan alaa daldala namaa raawwatan to’achuuf Poolisii Duubaayii fi Embaasii Itiyoophiyaa Duubaayitti argamu waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibseera.#Oromia #Ethiopia