Finfinnee, Adoolessa 10, 2018 (FMC) –Yaa’iin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Adoolessa 8, 2018 Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti eegaleera.Hirmaattoonni kutaalee hawaasaa garaagaraa bakka bu’an kumni 4 ol yaa’icharratti hirmaachaa jiru.Waltajjiin Itiyoophiyaanonni gaaddisa tokko jalatti dhimma isaaniirratti mari’achaa jiran kun miidiyaalee addunyaa akkaan hawwateera.Miidiyaaleen kunneen gabaasa isaaniin adeemsi marichaa garaagartee siyaasaa fi madoo barootaaf ture waaraan furuun nageenya amansiisaa fiduu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf carraa seenaa ta’uu ibsan.Dabalataan waltajjii imala waliigaltee biyyaalessaa cimsuun biyyattii boqonnaa haaraatti ceesisu akka ta’e gabaasan.Chaanaaliin Teeleeviizyiinii idil Addunyaa Chaayinaa CGTN mareen biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu rakkoolee siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii hiikuuf kan dandeessise furmaata tarsiimowaa ta’uu gabaase.Maaddi Oduu Ameerikaa Biluumbargi gama isaan marichi waldhabdee siyaasaa furuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gahee olaanaa qaba jechuun tamsaase.Akkasumas miidiyaan Raashiyaa ‘Sputnik’ rakkoolee keessoo Itiyoophiyaa mariin furuuf filannoowwan mandhaleerratti xiyyeeffachuun faayidaa olaanaa qabaachuu kaase.Miidiyaaleen kunneenii fi kan biroo mareen biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessuu eegalte cabiinsa seenaa fayyisuun walitti hidhamiinsa lammiilee biyyattii caalmaatti cimsuuf furmaata waaraa ta’uu gabaasan.#Oromia #Ethiopia