Komishinichi invastimantii Doolaara miiliyoona 750 ol hawwate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC)- Komishiniin Misooma Paarkiiwwanii Itiyoophiyaa bara baajataa 2018’tti invastimantii Doolaara miiliyoona 700 fi miiliyoona 50 ol hawwateera.Korporeeshinichi gamaaggama gabaasa raawwii bara 2018 magaalaa Hawaasaatti gaggeessaa jira.Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinichaa Dooktar Fissahaa Yittaagasuu wayita kana bara baajatichaatti abbootiin qabeenyaa invastimantii Doolaara miiliyoona 700 fi miiliyoona 50 ol qaban 166 Zoondiiwwan Diinagdee Addaafi Paarkiiwwan Indaastirii keessatti bobba’aniiru jedhan.Invastimantiiwwan hawwataman keessaa %84 kanneen biyya keessaa, %10 invastimantii alaa akkasumas %6 walta’iinsa abbootii qabeenyaa biyya alaafi keessaa ta’uu eeraniiru.Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa, Ameerikaa, Ingiliz, Hindii fi Jibuutii paarkiiwwan indaastiriifi zooniiwwan diinagdee addaa keessatti hirmaachuu ibsuusaanii ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.Invastimantiiwwan kunneen dameewwan daldalaafi loojistiksiin, Agroo-Piroosesiingiin, Faarmaasiyuutikaalaafi oomisha meeshaalee yaala fayyaan, huccuu, keemikaalaaafi konistiraakshiniin akkasumas injinariingiifi sibiilaan ta’uu kaasaniiru.#Oromia #Ethiopia