Finfinnee, Adoolessa 11, 2018(FMC)- Gareen seeraan alaa ABUT humnoota shororkeessitootaa waliin ta’uun naannawicha jeequuf hojjechaa jira jedhe Manni Maree Nageenyaafi Jijjiiramaa Tigraay.Hiriirri nagaa ukkaamsaafi gaaga’ama gareen seeraan alaa ABUT uummata naannoo Tigraay irratti gaggeessu balaaleffatu mata duree “ukkaamsaan haa dhaabbatu, nageenyi haa bu’u” jedhuun magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.Hiriiricha kan qopheesse Manni Maree Nageenyaafi Jijjiiramaa Tigraay ergaa dabarseen gareen seeraan alaa ABUT naannawicha jeequuf hojjechaa akka jiru ibse.Garichi humnoota shororkeessitootaa qarqara Galaana Diimaatti argamaniifi diina Itiyoophiyaa ta’an waliin hidhata uumuun hojjechaa jiraachuus manni marichaa eereera.Garichi dargaggoota naannoo Tigraay hidhachiisuun gammoojjiiwwan Eertiraa keessatti hiriirsisee waraana Sudaaniif gurgurtaan dhiyeessuun lolchiisaa akka jirus kaaseera.Kana itti fufsiisuufis seera cunqursaa farra uummataa ta’e baasuun dargaggoota ukkaamsaa jiraachuu hubachiiseera.Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota maatii jalaa butaa, warreen miliquuf yaalan ammoo ajjeessaa jiraachuus manni marichaa ibseera.Immabeet Siisayiin.#Oromia #Ethiopia