Finfinnee, Adoolessa 7, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan rakkoolee ishee mudatan mariifi waliigaltee biyyaalessaan furuuf imala marii biyyaalessaa irratti argamti.Adeemsi marii biyyaalessaa Itiyoophiyaan eegalte sagalee uummataa walitti qabuurraa gara imaammata qabatamaa fi yaadota furmaataa waliigaltee biyyaalessaatti ce’uuf boqonnaa murteessaa ta’erra gaheera.Rakkoon Itiyoophiyaa furamuu kan danda’u mariin qofa yoo ta’u mariin biyyaalessaa yeroo ammaa gara boqonnaa ijootti ceheera.Yaa’ichaan ajandaalee walitti qabamaniifi bocaman irratti hundaa’uun waliigalteerra gahama.Yaa’icha giddugala bilisummaa yaadaafi mirgoota diimokiraasii gochuun ajandaalee irratti waliigaltee waloo uumuun yaadonni furmaataa ni bocamu.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa guddichaafi seena qabeessa ta’e kanaaf qophaa’aa jirtutti guyyaa har’aa uummata Itiyoophiyaa maraaf waamicha dhiyeessaniiru.Waamicha dhiyeessaniin, mariin guyyaa boruu eegalamu waltajjii siyaasaa murteessaa ta’e qofa osoo hin taane carraa keenyaafi dhaloota dhufuu, abdii egeree guutummaatti kan murteessu boqonnaa seenaa haaraadha jedhaniiru.Kaleessa abbootiifi haadholiin keenya Adwaatti bilisummaa, birmadummaafi kabaja biyyaaf jecha dhiigaafi lafee isaaniin akkuma wareegamaniif, har’as Itiyoophiyaan ijoollee ishee guyyaa gaafa xiiqii imaanaa seenaa bahatan akka barbaaddu hubachiisaniiru.Har’a biyyi keenya kan barbaaddu warreen meeshaa hidhatan osoo hin taane qabsaa’ota nageenyaa bilchina yaadaa, dhugaa, beekumsaafi cichoomina hidhatanidha jedhan.Nuti har’as akkuma kaleessaa jala bultii injifannoo guddaa irratti argamna; sababni isaas injifannoon Itiyoophiyaafi uummata ishee waan hin oolleefi jedhaniiru.Marii ammayyaan, naga qabeessaa fi waliigaltee biyyaalessaan qormaatilee nu mudatan hunda keessa darbuun gara badhaadhinaatti waloon ni ceena jedhaniiru ergaa isaaniin.Mariin biyyaalessaa waldhabdeewwan waggoota dheeraaf harkifachaa turan furuufi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf dandeessisa jedhameetu eegama.Yaa’iin marii biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti gaggeeffamu waltajjii guddaa bakka bu’oonni qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa kumni 4 ol irratti hirmaachuun carraa egeree biyyaa itti murteessanidha.#Oromia #Ethiopia