Barri โ€˜๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ซ๐—ถ๐—ถ๐—พ๐—ถ๐—ถโ€™ goolabne, milkaaโ€™inoota Oromiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf buโ€™uura cimaa kan itti keenyeedha โ€“ Obbo Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018(FMC) – Barri ๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ซ๐—ถ๐—ถ๐—พ๐—ถ๐—ถ goolabne, milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessuun Oromiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf buโ€™uura cimaa kan itti keenyedha jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.Pirezidaanti Shimallis Abdiisaan milkaa’ina bara baajetichaatti galmaa’an ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Bara โ€˜๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚๐˜‚โ€™ jalqabaa jirruun ammoo, bu’uura sanarratti hunda’uun, ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ต๐˜‚๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ถ ๐˜€๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฟ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ ๐—บ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎtti ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ mirkaneessuun ergama keenya isa ijoo ta’a. Waaqni ummata Oromoos nugargaara jechuun ibsan.Har’a Yaa’ii Idilee 11ffaa, Bara Hojii Caffee 6ffaa, Waggaa 5ffaa Caffee Oromiyaa irratti hirmaachuun, raawwii hojii mootummaa bara 2018โ€™fi kallattii hojii ijoo bara 2019 kabajamaa Caffeef dhiyeesseera. Akkasumas gaaffii, yaadaafi mariilee miseensonni Caffee kaasan irratti deebiifi ibsa baldhaa kenneera jechuunis kaasan.Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera:Barri โ€˜๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ซ๐—ถ๐—ถ๐—พ๐—ถ๐—ถโ€™ goolabne, milkaa’inoota seena-qabeessa galmeessuun Oromiyaa boqonnaa haaraatti ceesisuuf buโ€™uura cimaa kan itti keenyedha. Kanaaf ammoo ๐—ช๐—ฎ๐—ฎ๐—พ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ผ๐—ผf ulfinni olaanaan haataโ€™u! Bara โ€˜๐—ž๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚๐˜‚โ€™ jalqabaa jirruun ammoo, bu’uura sanarratti hunda’uun, ๐—ฑ๐—ฎ๐—บ๐—ฒ๐—ฒ ๐—ต๐˜‚๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ๐—ณ๐—ถ ๐˜€๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฟ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ ๐—บ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎtti ๐—ข๐—ณ-๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ข๐—ฟ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜†๐—ฎ๐—ฎ mirkaneessuun ergama keenya isa ijoo ta’a. Waaqni ummata Oromoos nugargaara!Har’a Yaa’ii Idilee 11ffaa, Bara Hojii Caffee 6ffaa, Waggaa 5ffaa Caffee Oromiyaa irratti hirmaachuun, raawwii hojii mootummaa bara 2018โ€™fi kallattii hojii ijoo bara 2019 kabajamaa Caffeef dhiyeesseera. Akkasumas gaaffii, yaadaafi mariilee miseensonni Caffee kaasan irratti deebiifi ibsa baldhaa kenneera.Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, akkuma waggoota darbanii, qormaatilee, shiraafi gufuuwwan humnoonni faallaa uuman ogummaa, cichoominaafi tumsa ummata keenyaatiin fashaleessuun, galmoota tarsiimaโ€™oo qabsoo ummata Oromoo gara bu’aa qabatamaa jiraatamutti ceesisuu itti fufeera.Milkaa’inoonni bu’uuraalee misoomaafi caasaalee mootummaa irratti galmeessine murteessoo ta’anillee, isaan caalaa bu’aa guddaan jijjiirama ilaalchaafi guddina dandeettii dhaabbilee, hundaaโ€™ol ammoo hoggansa irratti argameedha. Inni kun bu’uura milkaa’ina waggoota dhufanii ta’a.Milkaa’ina kana galmeessuu keessatti gaheen kabajamaa Caffee Oromiyaa olaanaa ture. Deeggarsi seeraa, hordoffiin hojii mootummaafi bakka bu’ummaan ummata keenyaaf bahaa ture bu’uura hojii mootummaa cimsuun jijjiiramni kun akka dhugoomu taasisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera. Akkasumas tumsiifi amanamummaan ummata keenyaa hojii kanaaf bu’uura murteessaa ta’eera. Kanaaf, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ummata keenya akkasumas kabajamtoota miseensota Caffee Oromiyaa irra deebiin galateeffachuun barbaada.Carraa kanaan, yaadotaafi dubdeebii Koreewwan Dhaabbii Caffee daawwannaafi hordoffii dirree irratti hundaa’uun nuuf dhiyeessan akka bu’uura fooyya’iinsa hojiifi murtii mootummaa ittaanu keessatti kan fayyadamnu taโ€™uu kabajamaa Caffeef mirkaneessuun barbaada.Amma imalli keenya gara gulantaa olaanaatti ce’eera. Kanaaf, bara โ€˜Karoora Of-danda’uuโ€™ keessatti hojiin keenya milkaa’inoota darban eegsisuu qofa miti; isaan gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun damee hunda keessattiifi sadarkaa maratti Of-danda’ummaa Oromiyaa dhugoomsuudha.Fuuldurattis, MNO tumsa kabajamaa Caffeefi hirmaannaa ummata keenyaa irratti hunda’uun galmoota tarsiimaโ€™oo qabsoo ummata Oromoo ariitiin dhugoomsuuf kutannoofi cichoomina olaanaan nisochoโ€™a. Hoggansi sadarkaan jirus, ergama biroo galmoota kanniin caalaan kan hinqabne taโ€™uu irra deebiin mirkaneessuun barbaada. Bakka fedhii siyaasaa, dandeettii mootummaa, humna waloo, tumsa dhaabbileefi deeggarsa ummata keenyaa hidhannee sochoonutti, humni imala keenya dhaabsisuu danda’u goonkumaa hinjiraatu. Kanaaf, galmoota qabsoo ummata Oromoo ariitiin dhugoomsuuf imala keenya kutannoo olaanaan itti fufna.