Itiyoophiyaan seenaa keessatti boqonaa haaraa banuun rakkoolee siyaasaa, hawaasummaa fi diinagdee walxaxaa jiran mariin furuuf yeroo murteessaarratti argamti.Siyaasa Itiyoophiyaa keessatti aadaa walitti bu’iinsaa fi humnaa jiru cabsuudhaan, karaa marii fi nagaa bakka buusuuf boqonnaa murteessaa irra geessee jirti.Itiyoophiyaa cimtuu ijaaruun kan danda’amu sagalee hundaa qixxee dhaggeeffachuuni.Marii biyyaalessaa namoota qalbii qabanii fi carraawwan seenaatiif iddoo guddaa kennaniin biyya oolchuuf, fayyaduu fi seenaa gaarii jaarraawwan hedduuf yaadatamu barreessuuf carraa bareedaadha.Seenaa darbe keessaa bahuun waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya waaraatti ce’uuf imala daran murteessaa ta’eedha.Mariin guddaan boqonnaa xumuraarra gahe kun kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun gaggeeffamaa jira.Hirmaattoonni aanaalee, dhaabbilee federaalaa, paartilee siyaasaa, hawaasa diyaaspooraa fi magaalotarraa walitti babba’an kumni 4 ol gaaddisa tokko jalatti mari’achuu eegalaniiru.Marii biyya cimtuu fi amansiisaa taate ijaaruuf boqonnaa haaraa banudha.Kaayyoo guddaan marii seena qabeessaa kanaa aadaa siyaasaa durii kan mo’ataa fi mo’amaa ture jijjiiruun waliigaltee biyyaalessaa hundi waliin injifatu uumuudha.Uummanni wal waamee geengoo uumuun fuulan wal argaa miira guutuun walii galuuf haala mijataa ta’e uumudha.Har’a seenaa itti aanu harka keenyaan barreessuuf carraan nuuf kennameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ergaa har’a baniinsa Yaa’ii Maree Biyyaalessaa gaggeeffamerratti argamuun dabarsaniin.Seenaan qalama keenyaan barreessinu ijaarsa biyyaaf kan tajaajilu, dhaloota kan badhaasu fi Itiyoophiyaan olkaatee akka mul’attu gahee isaa akka bahatuuf hundi keenya waliin hojjechuu qabna jedhan.Itiyoophiyaan jaarsummaa, dhiifama, araaraa fi beenyaan rakkoo keessatti cimaa turte, har’as duudhaalee kanneen gabbisuun rakkoolee ishee hundeerraa hiikuuf mariin seenaa haaraa banu ta’uu kaasan.Yaa’ii haala salphaan hin dabalamnee fi seenaa ammayyaa Itiyoophiyaa keessatti ashaaraa guddaa qabu,qormaatilee gara carraatti jijjiiruun ce’umsa siyaasaa karaa nagaa bu’uureessudha jedhan.Sanyii ni facaafna, firii isaas ijoolleen keenya akka fayyadaman ni taasifna jechuun ibsan.Siifan Magarsaatiin#Oromia #Ethiopia