Finfinnee, Adoolessa 8, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaa fuulduratti kan tarkaanfachiisuu marii, araaraa fi waliigaltee malee daandii biraan hinjiru jedhan Jirattoonni Magaalaa Finfinne.Marii biyyaalessaa ilaalchisee jiraattoonni Magaalaa Finfinnee tokko tokko yaada isaanii Faanaa Dijitaaliif qoodaniiru.Obbo Haagos Raddaa, jiraataan Magaalaa Finfinnee yaada kennaniin akka jedhanitti, jaarsummaan gonkumaa sirna bakka bu’aa hinqabnedha.Dhala namaaf mari’achuurra darbee wanti fayyaduun waan hinjirreef mariin wanta barbaachisaafi ani deeggarudha jedha.Marii, araaraa fi waliigaltee malee daandii biraan hinjirus jedhu.Daandiin kun ammo gara dhugaatti kan geessuu waan ta’eef, Itiyoophiyaaf daandiin milkaa’inaa akka ta’u himan.Jiraataa kan biraan Solomoon Sibahaat gama isaaniin, mariin biyyaalessaa gaaffilee biyyattii irra deddeebi’anii yeroo heddu ka’anii fi kan walii nu galchaan irratti mari’achudha.Akka lammii tokkootti mariin kun nagaa, tokkummaa, walta’iinsa biyyaaf waan fiduuf hawwiin kan eegan ta’uu ibsan.Gaaffiilee akka biyyaatti jiraanirratti yoo mari’atame tokkummaan ni cima, nageenyi ni mirkanaa’a, guddina diinagdee fi hawaasummaas ni ceesisa jedheen eega jedhu.Marii kanaarraa abdii guddaan qaba kan jedhan Obbo Solomoon kanaan duraa wantoota walitti nu buusaa turan, wantoota dubatti nu hambisan irratti waliigaltee uumuun yaada nu ceesisanii fi hunda keenyaa waliigalchiisaan qabatee dhufaan akka abdatan eeran.Dogoggoroonni kaleessa hedduudha. Dogoggoroonni kunneen akka irra hindeebi’amneef, hunduu mari’atee biyyattii fuulduratti ceesisuuf gumaacha qabaata kan jedhan ammoo Aadde Elsaabeeti.Marii kanarraa waan baay’een eega. Yoo mari’anne bu’aa caalu kan fidu Itiyoophiyaas gara sadarkaa caaluutti kan ceesisudha jedheen yaada jedhaniiru.Yaa’iin marii Biyyaalessaa baatii tokkoof turu har’a bakka aanga’oonni biyya keessaa, dippiloomaatonni argamanitti ifatti eegaleera.#Oromia #Ethiopia