Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC) – Pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Olusegun Obasaanjoo biyya Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanota biratti baay’ee beekamu.Obasaanjoo biyya isaanii Naayijeeriyaa dabalatee biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti nagaan akka bu’uuf muuxannoo dhuunfaa isaanii, muuxannoo jireenyaa fi seenaa keessa dabran irratti hunda’uun hojii bal’aa hojjetaniiru. Ammas hojjechaa jiru.Qajeelfamni “rakkoolee arditiitiif furmaata ardii” jedhu, biyyoonni Afrikaa rakkoolee isaanii kan siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa waloo ta’an gidduu-seentummaa biyyoota ardichaan alaa jiran irraa bilisa ta’een, dandeettii, beekumsaa fi jaarmiyaalee ardii kan akka Gamtaa Afrikaa (AU) jiranitti jaarsummaan akka hiikan kan dandeessisu yaada Paan-Afrikaanizimiiti.Yaada kanaanis biyyoota Afrikaa garagaraa keessatti dhimmoota keessoo fi wal-dhabdee biyyoota ollaa gidduutti ka’an furuuf sochiiwwan adda addaa taasifamaniiru.Obasaanjoon yaada kana cimsanii kan amanan yoo ta’u, Onkololeessa 23 bara 2015 magaalaa Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaatti mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti waliigalteen nagaa mallatteeffame akka milkaa’uuf ashaaraa isaanii kaa’aniiru.Qajeelfama afrikaanummaa waliigaltee kanaa fi qabxiilee gurguddoo milkaa’inaan irratti mirkanaa’an yeroo ilaallu; inni jalqabaa mariin nagaa guutummaatti kan hoogganamee fi qindaa’e gamtaa Afrikaatiin.Humnoonni alaa adeemsicharratti dhiibbaa gochuufi fedha isaanii fe’uuf yaalanis, mariichi Gamtaa Afrikaa jalatti hoggantoota Afrikaa beekamoo ta’aniin, keessattuu qindeessummaa Olusegun Obasaanjoon akka hoogganamu ta’ee jira.Dubbiin Olusegun Obasaanjoo “Afrikaa keessatti rakkoon hiikamuu hin dandeenyee fi dandeettii Afrikaanotaatii ol ta’e hin jiru” jedhu ejjennoo cimaa qajeelfama afrikaanummaa kana milkeessuuf qaban kan agarsiisuudha.Obasaanjoon aadaa hawaasummaa fi siyaasaa Afrikaa wal-xaxaa ta’e gadi fageenyaan waan beekaniif, gareewwan adda addaa gidduutti amantaan akka uumamuufi waliigaltee irra akka ga’amuuf gahee ol’aanaa taphataniiru.Afrikaanonni hojii manaa isaanii ofumaan hojjechuu akka danda’an agarsiisuun, gaheen humnoota alaa hoggansa Gamtaa Afrikaa jalatti deeggarsa kennuu qofaan akka daangeffamu gochuun qajeelfamichi akka hojiirra oolu haala mijeesseera.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad; biyyoonni Afrikaa qabsoo baroota hedduu fudhateefi aarsaa guddaa kafalameen gabrummaa jalaa bilisa ba’uu danda’aniiru; injifannoo kana argachuun isaaniis murtee dhimma biyya isaanii fi ardii isaanii irratti murteessuu dandeessisu irra isaan geessiseera jedhu.Hoggantoonni Afrikaa kutattonni akka Olusegun Obasaanjoo fi jaarmiyaaleen ciccimoon akka Gamtaa Afrikaa yoo jiraatan, nagaa fi tasgabbii ardichaa gidduu-seentummaa qaamolee alaa malee mirkaneessuun akka danda’amuu uummata addunyaatiif barumsa guddaa kennee dabreera.Ammas mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaan gaggeessituuf muuxannoon Obasaanjoo adeemsa nagaa hoogganuu irratti qaban barumsa guddaa akka fidu shakkiin hin jiru.Ministirri Muummee Dooktar Abiy waa’ee Obasaanjoo yeroo ibsan; hojiiwwan isaan kanaan dura raawwatan irraa ogummaa barataniiru; keessattuu muudannoo adeemsa nagaa hoogganuu irratti gabbifatan nuuf qoodaniiru jedhu.Kunis tokkummaa fi deemsa nagaa waaraa Itiyoophiyaan mariidhaan mirkaneessituuf barumsa guddaa kenna; Itiyoophiyaanis gumaacha gatii hin safaramne Obasaanjoon gumaachaniif yoomiyyuu galata ol’aanaa dhiyeessiti jechuun ibsaniiru. #Oromia #Ethiopia