Yaa’iin Gadaa Arsii Dhaddacha Bal’ootti eegale

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 13, 2018 (FMC) –Yaa’iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo Dhaddacha Bal’ootti taa’amuu eegaleera.Godina Baalee Bahaa, Aanaa Raayituu Magaalaa Dhaddacha Bal’aatti Yaa’iin Gadaa Arsii Sikkoo Mandoo kabajaa fi sirna ho’aan eegaleera.Yaa’ichi Dhaddacha Bal’aa deebisanii dhaabuu, duudhaa fi safuu sirna Gadaa dagaagsuu, akkasumas eenyummaa Oromoo dhalootaaf dabarsuuf mootummaa aadaa fi hawaasa bal’aa hirmaachiseera.Hirmaattonni naannolee garaagaraa irraa gara iddoo yaa’ichaa dhufuun sirna Gadaa Oromoo kabajaa guddaadhaan kabajaa jiru.Sirni Gadaa Oromoo Hambaa Addunyaa hundagaleessa Uummatni Oromoo addunyaaf gumaachedha.Sirni kun Sirna hundagaleessa hammattoowwan Siyaasaa, Aadaa, diinagdee, hawaasummaafi kanneen biroo of keessatti hammatee dhalootaa dhalootatti darbaa dhufeedha.Uummata Aadaa isaan boonuufi eenyummaa isaatiin addunyaarratti dorgomaa ta’e uumuuf Ardaaleen Jilaa ykn dhaddhachaaleen wiirtuuwwan Gadaa bakka isaanii ganamaatti deebisuuf hojii hojjetameen milkaa’inootni galmaa’aniiru.Oliyaad Ahimaditu gabaase.#Oromia #Ethiopia