Finfinnee, Adoolessa 13, 2018(FMC) – Miidiyaaleen odeeffannoowwan sobaa saaxiluun ittigaafatamummaa isaanii ba’achuu qabu jedhan hayyuun saayinsii siyaasaa Dooktar Geetiyyee Tirfee.Komiishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoopjiyaa ibsa kaleessa baaseen, uummanni Itiyoophiyaa odeeffannoowwan sobaa irraa akka of eeguu fi amantaa guutuu Komiishinichaarraa qabu cimsee itti fufuu akka qabu waamicha dhiyeessuun isaa ni yaadatama.Komiishinichi yaa’ii maree seena qabeessa Adoolessa 8, 2018 eegalame ilaalchisee gareewwanii fi namoonni tokko tokko miidiyaalee hawaasummaan odeeffannoowwan sobaa tamsaasaa akka jiran ifoomseera.Yaadawwan fi mareewwan ijaaran akka fudhatu kan beeksise komiishinichi, uummanni bal’aan Itiyoophiyaa odeeffannoowwan sobaan akka hin gowwoomne hordoffii barbaachisu gochuun ifoomsuuf akka dirqamu beeksiseera.Odeeffannoowwan sobaa tamsa’aa jiran ilaalchisee Fanaa Miidiyaa Koorporeeshiin kan dubbise Dooktar Geetiyyee Tirfee akka jedhanitti, adeemsa marii biyyaalessaa ilaalchisee odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasummaa adda addaan tamsa’an irraa fagaachuun barbaachisaadha.Gareewwan gurmaa’an adeemsa marii kana gurraachessuuf hojjachaa akka turanii fi ammas maricha maqaa bal’eessuuf socho’aa akka jiran hubachiisaniiru.Kanaanis odeeffannoo sobaa babal’isuun uummata burjaajessaa jiru jedhan.Odeeffannoowwan sobaa kunniin deddeebi’anii babal’achuu danda’u kan jedhan hayyuun kun; odeeffannoo qulqulleessanii deebii sirrii kennuun itti gaafatamummaa qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uu hubachiisaniiru.Keessattuu miidiyaaleen odeeffannoowwan sobaa akkasii dursanii saaxiluun itti gaafatamummaa isaanii ba’achuu qabu jedhaniiru.#Oromia #Ethiopia