Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Shaampiyoonaa taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 kan ta’e Buna Sidaamaaf Magaalaa Hawaasaatti simannaan gootaa taasifameefira.Deeggartoonni, jiraattoonni naannichaa fi Magaalaa Hawaasaa Addabaabayiitti argamuun simannaa taasisaniifiru.Kilabni Kubbaa Miilaa Buna Sidaamaa bara kana taphoota 38 taphateen 19 injifachuun, 11 qabxii qooddachuun, 8 ammoo injifatamuun qabxii 68’n shaampiyoonaa liigichaa ta’uun ni yaadatama.#Oromia #Ethiopia