Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Beeniiin hariiroo waloo Dippiloomaasii, Daldala, Aadaa fi dameewwan biroo bu’ura godhate qabu.Beeniin bara Faranjootaa 2005 Embaasii ishee Finfinneetti banuu hordofee hariiroon Dippiloomaasii fi Siyaasaa biyyoota lamaanii caalmaatti guddachaa dhufeera.Biyyoonni lamaan bara Faranjootaa 2013 hammattoo tumsa waliigalaa mallatteessuun isaanii hariiroo cimaa biyyoota lamaaniif bu’uura cimaa kaa’e.Biyyoonni lamaan damee Daldalaa fi Aviiyeeshiniin tumsaan hojjetaa turaniiru.Keessattuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balalliin idilee Magaalaa Gudditti Beeniin Kootoonuutti taasisuu hariiroo Tuurizimii, Daldalaa fi ummataa caalmaatti cimsuuf gahee isaa bahateera.Akkasuma daldala maashinaroota Elektirikaa, uffataalee fi oomishaalee qonnaan hariiroo cimaa qabu. Yeroo itti aanu hariiroo daldalaa fi Invastimantii caalmaatti cimsuuf mootummoonni biyyoota lamaanii mari’achaa jiru.Daawwannaan aanga’oonni olaanaan Beeniin Itiyoophiyaatti taasisaa jiran michummaa Itiyoophiyaa fi Beeniin caalmaatti cimsa jedhame.Ministiroonni Alaa biyyoota lamaanii waggaa lama dura dhimmoota waloorratti mari’achuun kan yaadatamuudha.Marii ministiroota lamaanii booda Pireezidaantiin Beeniin Roomuuwaaldi Waadaaginiin daawwannaa hojiif har’a Finfinneetti argamu.Pireezidaanti Roomuuwaaldi Waadaaginiin faayidaa waloo,michummaa fi hariiroo gamlamee caalmaatti cimsuuf Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waliin mari’ataniiru.Miikiyaas Ayyalaatiin.#Oromia #Ethiopia