Finfinnee, Adoolessa 6, 2018(FMC)- Hoggansi Badhaadhinaa guyya guyyaan milkaa’ina galmeessuu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.Raawwiin hojii bara 2018 Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Adaamaatti qoratamuu eegaleera.Obbo Shimallis Abdiisaa wayita kana ji’ootan sadan darban keessa hoggansi naannichaa hojii filannoo, raawwii bara 2018fi karoora bara 2019 milkeesseera jedhan.Filannoon waliigalaa 7ffaan akka hin milkoofneef hojiin hin hojjetamne hin jiru jedhanii, kutannoo hoggansa sadarkaa sadarkaan jiruun milkaa’inni argamuu kaasaniiru.Oromoon dhugaa isaaf akka qabsa’uuf hoggansi keenya karaa saaqeeras jedhaniiru.Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru milkaa’ina hawaasaaf hojjechuun akka irra eegamu hubachiisuun, hoggansi Badhaadhinaa guyya guyyaan milkaa’ina galmeessuu qabas jedhaniiru.Gammachuu Beekumaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia