Obbo Ahimad Shideen Daayirekteera Oppireeshiin Maneejiingi Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC)- Minisitiirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Daayirekteera Oppireeshiin Maneejiingi Baankii Addunyaa Aanaa Beerdee waliin mari’ataniiru.Obbo Ahimad Shideen wayita kana sochii riifoormii Itiyoophiyaa itti fufiinsa qabuu fi xiyyeeffannoo kallattii mootummaa ilaalchiisee ibsa taasisaniiru.Dabalataniis, Baankiin Addunyaa hammattoo michummaa tarsimawaa Itiyoophiyaan dhimmoota dursa kennuufi qaburrattis ibsa kennaniiru.Aanaa Beerdee gamasaaniin, fooyyeessii diinagdee cimaa Mootummaan Itiyoophiyaa fudhatee fi hojiirra oolmaa isaan jijjiirama argame dinqisifataniiru.Baankiin Addunyaa ajandaalee riifoormii Itiyoophiyaa fi galmoota misoomaa yeroo dheeraa milkeessuuf tattaaffii taasiftuuf deeggarsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.