Humni fedhii fi Faayidaa Itiyoophiyaa daangessuu danda’u hin jiru!

Wait 5 sec.

Itiyoophiyaan yeroo adda addaatti rakkoolee walxaxaa diinota alaa, shira keessoo fi namoota dhuunfaa dantaa ofii barbaadaniin hedduun rakkachaa turte.Hawaasni waliin akka hin jiraanne ajandaalee amantaan walitti buusuu danda’an bocuun faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf waloon akka hin dhaabbanne shirri guddaan xaxamaa tureera.Kana dura Itiyoophiyaan ijaarsa Hidha Guddicha Haaromsaaf deeggarsa alaa akka hin arganne dhiibbawwan garaagaraa taasifamaa turaniiru.Injifannoon Hidha Haaromsaa Diinoota Itiyoophiyaa boquu cabsee Imala Badhaadhinaa Soroorsee itti fufsiiseera.Itiyoophiyaanonni waloon ijaarsa hidhichaa erga xumuranii booda ammoo biyyattiin sadarkaa addunyaatti dhaga’amtummaa akka hin arganne yaaliwwan jajjabaan godhamaa turan.Gaaffiin Galaana Diimaa Itiyoophiyaan barootaaf seeraa fi seenaan bulchaa fi ittiin bulaa turte fudhatama akka hin arganne hojjetamaa ture.Kanaanis Itiyoophiyaan biyya ulaa galaanaa hin qabne keessaa ishee tokko taateerti.Har’a garuu Ulaa galaanaa adeemsa haqa qabeessa hin taaneen dhabde deebitee argachuuf daandii eegalteerti.Dhaabbileen idil addunyaa fi biyoonni garaagaraa deeggarsa isaanii agarsiisaa jiru.Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuun gaaffii diinagdee kan deebisuu qofa osoo hin taane nageenya naannawichaafis akkaan murteessadha.Ummanni Itiyoophiyaa gaafa gamtoomee, tokkomeefi kaayyoo tokkoof hiriire humna kamiyyuu injifachuu akka danda’u waraanni Adwaa fi Hidhi Haaromsaa fakkeenya guddaadha.Itiyoophiyaan shira ishee gufachiisuuf xaxaman gara carraa gaariitti jijjiiruun biyya muuxannoo olaanaa qabduudha.Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa qabdutti sirnaan fayyadamuun jiruuf jireenya ummata ishee akka hin jijjiireef shororkeessitonni seenaa keessatti diina Itiyoophiyaa ta’an waliin hojjetaniis abjuun isaanii fashala’eera.Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti diinoota ishee kuffisaa fi jilbeeffachiisaa kan turte yoo ta’u, har’as gootummaa fi sakatta’iinsa ijoollee isheetiin kabajamtee jiraatti.Itiyoophiyaanonni rakkoolee jiran marii fi waldhaggeeffachuun furuu, akkasuma faayidaa biyyaalessaaf waloon dhaabbachuuf boqonnaa murteessaa kan ta’e yaa’ii Maree Biyyaalessaa gaggeessaa jiru.#Oromia #Ethiopia