Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa galii biiliyoona 42 ol walitti qabe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 9, 2018 (FMC) – Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa bara baajatichaa tajaajiloota garaagaraarraa galii Birrii biiliyoona 42.7 walitti qabeera jedhe.Daayrektarri Olaantuun Tajaajilichaa Salaamaawiit Dawwiit ibsa kennaniin, bara baajatichaa tajaajila imaltoota qilleensaa fi daangaan galii fi bahii miiliyoona 7.2 kenneera jedhan.Tajaajilichi bara baajataa xumurame paaspoortii miiliyoona 1.6 kennuu eeruun, dhaqqabummaa isaa babal’isuuf dameelee kenniinsa tajaajilaa gara 23tti guddisuu kaasaniiru.Dabalataniis lammiilee biyya alaa miiliyoona 1 oliif tajaajila kennuu dubbataniiru.Dhaabbatichi Paaspoortii fi Viizaa dabalatee tajaajiloota kennerraa galii birrii biiliyoona 42.7 walitti qabuus himaniiru.Lammiilee biyya alaa 433 fi lammiileen Itiyoophiyaa kumni 4 fi 450 waliigala namoonni kumni 4 fi 883 sanada sobaan waliindhahaa turan to’atamuu ibsaniiru.Akkasumas Lammiilee Itiyoophiyaa fi alaa kumni 29 fi 606 karaa seeraan alaan biyya keessa seenuufi bahuuf yaalaan to’annoo jala oolfamuun tarkaanffiin fudhatamuus kaasaniiru.Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.