Du’aan boqochuu Amiirii duraanii Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaanii hordofee Dooktar Abiy Ahimad gadda itti dhagahame ibsatan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018 (FMC) – Amiiriin Kuwaataar Sheeh Hamaad Altaaniin Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Masaraa Mootummaa Luusaayilitti simataniiru.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Masaraa Mootummaa Kuwaataar Luusaayilitti argamuun Sheeh Tamiim Biin Hamaad Altaaniifi Maatii Amiirii duraanii Sheek Hamaad Biin Kaaliifaa Altaanii jajjabeessaniiru.Imalli Dooktar Abiy michummaa waggoota dheeraa Itiyoophiyaa fi Kuwaataar gidduu jiruuf agarsiiftuudha.Dooktar Abiy Ahimad ergaa gaddaa dabarsaniin, Amiiriin duraanii Kuwaataar Gaanfa Afrikaatti nageenya tasgabbeessuun, marii fi waliigalteef bu’uuraa cimaa kan kaa’an hogganaa abbaa ogummaa turanii jechuun ibsaniiru.Keessattuu Itiyoophiyaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka turaniifi michummaan biyyoota lamanii imala Hijiraa jalqabarraa eegalee kan ture bu’ura seenaa qabeessaa ta’uun eerameera.