Waqtii seena qabeessa Itiyoophiyaan marii biyyaalessaa guddaafi seena qabeessa ta’eef qophaa’aa jirtu kanatti ijoollee biyya koo hundaaf waamicha guddaafi kabajaa dabarsun qaba.Mariin guyyaa boruu eegalu waltajjii siyaasaa murteessaa ta’e qofa osoo hin taane carraa keenyaafi dhaloota dhufuu, abdii egeree guutummaatti kan murteessu boqonnaa seenaa haaraadha.Kanneen nageenya waaraa, tasgabbiifi badhaadhina hundagaleessa biyya keenyaaf hojjettan, guddummaan Itiyoophiyaa kan isin dhimmu hundi fardis dirreenis kunooti.Kaleessa abbootiifi haadholiin keenya Adwaatti bilisummaa, birmadummaafi kabaja biyyaaf jecha dhiigaafi lafee isaaniin akkuma wareegamaniif, har’as Itiyoophiyaan ijoollee ishee guyyaa gaafa xiiqii imaanaa seenaa bahatan barbaaddi.Har’a biyyi keenyi kan barbaaddu warreen meeshaa hidhatan osoo hin taane qabsooftota nageenyaa bilchina yaadaa, dhugaa, beekumsaafi cichoomina hidhatanidha.Nuti har’as akkuma kaleessaa jala bultii injifannoo guddaa irratti argamna; sababni isaas injifannoon Itiyoophiyaafi uummata ishee waan hin oolleef!.Marii ammayyaan, naga qabeessaa fi waliigaltee biyyaalessaan qormaatilee nu mudatan hunda keessa darbuun gara badhaadhinaatti waloon ni ceena!.