Finfinnee, Adooleessa 12, 2018 (FMC) – Bara baajataa 2018 xumurame keessa lafa heektara miiliyoona 29 misoomsuun oomishni kuntaalli biiliyoona 1.3 argamuu Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa ibsan.Ministeerri Qonnaa fi gaggeessitoonni dhaabbilee itti waamamtootaa raawwii karoora damee qonnaa bara baajataa 2018 gamaaggamaniiru.Obbo Addisuu Araggaa wayita kana akka jedhanitti; bara baajataa xumurame keessa damee qonnaatiin bu’aawwan gurguddoon galmeeffamaniiru.Bara oomishaa kanatti lafa heektara miiliyoona 29 misoomee irraa oomisha kuntaala biiliyoona 1.3 akka argame ibsaniiru.Ammas lafti heektara miiliyoona 13 qonna kilaasteraan misoomuu eeranii, kunis oomistummaa guddisuuf dandeettii guddaa akka uume dubbataniiru.Bara baajataa xumurame kanatti dameen qonnaa galii doolaara biiliyoona 4.55 galmeessisuu eeranii, kana keessaa bunni doolaara biiliyoona 3.1 akka qabatu hubachiisaniiru.Dhiyeessii galtee qonnaa gama kanaan, hojimaata badaa sirreessuun mootummaan birrii biiliyoona 84 deeggarsa gochuun, bara baajataa kanaaf xaa’oo lafaa gahaa ta’e qotee bulaaf raabsuu danda’uu ibsaniiru.Itti fayyadama makaanaayizeeshinii qonnaan walqabatees, fedhii fi fayyadamtummaan yeroo dhaa gara yerootti guddachaa dhufuu isaatiin jijjiiramni jajjabeessaan galmeeffamuu dubbataniiru.Inisheetiivii maaddii guutuun hojiiwwan hojjetamaniinis, gama misooma qabeenya beelladootaan beeyilada miiliyoona 4.9 ol mala nama-tolcheen sanyii isaanii fooyyessuun akka danda’ame ibsaniiru.Hojii Ashaaraa Magariisaatiin waggaa kana humna namaa miiliyoona 20 ol qindeessuun, biqiltuu biiliyoona 8 ol dhaabuuf hojii milkaa’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuu isaanii, odeeffannoon Ministeericha irraa argame ni mul’isa.#Oromia #Ethiopia