Garee Seeraan Alaa Ummata TigraayiinFaayidaa Dhuunfaa Isaatiif Qabdii Godhate

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018(FMC) – Gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nagaa Piriitooriyaatiin argame cimsachuu fi ummata fayyadamaa gochuu mannaa, irra debiidhaan waraana lallabuu jalqabeera.Mootummaan Federaalaa yeroo baay’ee waamicha nagaa dhiyeessus, gareen kun ummata Tigraay qabdii fi boojuu gochuudhaan, naannichatti humnoota alaa dabalatee affeeruu fi argamtuu ta’uun waraanaaf abbalaa jira.Kunis Tigraay oobdii waraanaa kan taasisuu fi ummata gara badii biraatti kan geessu waan taheef yaaddoo uumeera.Jiraattonni naannichaas carraa argatan hundaan Tigraay gadi dhiisanii bahaa jiru.Gareen seeraan alaa kun aangoo isaa eeggachuuf jecha naannichatti dhiiroota fi dargaggoota daa’imman dabalatee dirqamaan qabuun kaampiiwwan ittisaa keessatti hidhee leenjii waraanaa kennaa jira.Gochi kun badii darbe irratti dabalataan dhaloota haaraa gara waraanaatti kan naqu waan taheef mormii guddaa kaaseera.Garicha dhimma namoomaa caalaa faayidaa isaa waan caalchiseef, baqattoota miliyoonaan lakkaa’aman ittisee qabuun gargaarsa illee akka hin arganne godheera.Kanaanis osoo hin dhaabbatin, Mootummaan Federaalaa ummata naannichaatiif qabeenya murasaa fi dhiyeessii boba’aa dhiyeessu qophii waraanaatiif balleessuun ummata irata misooma idilee fi gargaarsa dhowweera.Gareen kun yaa’ii 14ffaa seeraan ala gaggeesseen walqabatee Boordii Filannootiin beekamtii kan dhowwame yoo tahu, kunis seera duratti akka dhaabbata siyaasaa seera qabeessa tokkootti akka hinsochooneef mirga isaa guutummaatti dhabsiiseera.Gareen seeraan alaa kun Bulchiinsa Yeroo Tigraay diiguudhaan naannichatti ofiif abbaa irree ta’uuf carraaqaa jira. Kun ammoo waliigaltee nagayaa Pireetooriyaa kallattiidhaan kan diigudha.Seeraan alaa ta’uun garichaa kan isaan nuffisiise dhalattoonni Tigraay kaleessa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti mata duree “Dhaabbatni ukkaamsaa haa dhaabbatu; Nagaani haa bu’u” jedhuun hiriira ba’aniiru.Hiriira kanaanis ABUT seeraan alaa ummata Tigraay obboloota isaa uummata Itiyoophiyaa irraa gargar baasuu fi biyyattii alagaa waliin ta’uun gara waraanaatti geessuuf carraaqqii godhu mormaniiru.Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay duranii fi Gorsaan dhimma Afriikaa Baahaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Reddaa hiriiricha irratti argamuun akka ibsanitti, gareen seeraan alaa kun ummata Tigraay duubatti harkisaa fi aangoo isaa itti fufsiisuuf jecha dibbee waraanaa rukutaa jira.Ministeerri dhimma Alaa Ameerikaa, hoggantootni ABUT naannoo Tigraayitti nagaa booressanii fi waraanaa kakaasaa jiran fi maatiiwwan isaanii irratti uggura viizaa kaa’eera, kunis hawaasni garee badii kana akka ofirraa fageesse ifatti mallattoo mul’atee dha. Garee kanaan waggoota shantamaa ol kan dhiphate ummatni Tigraay amma kan barbaadu waraana osoo hin taane nagaa, misooma, deebisanii dhaabuu fi badhaadhina guutuudha.#Oromia #Ethiopia