Finfinnee, Adoolessa 9, 2018 (FMC)- Yaa’iin Maree Biyyaalessaa hirmaattoota kutaale biyyattii gargaraarra walitti babba’an wajjiin Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.Kanneen keessaa ‘Yeroon dahumsa koo dhiyaatullee, biyyi koo na waamtee hin hafu” jechuun Naannoo Gaambeellaa irraa gara Finfinneetti yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif kan dhufte dargaggeettiin Kirnuudoo Ujuluu ishee tokko .Kirnuudoo Ujuluun adeemsa marii kanarra osoo jirtuu Hospitaala Zawudituutti mucaa dhiiraa nagaan deessee jirti.Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Jaalala biyyaa fi miirri kiyya jedhu yoo jiraate wanti hin danda’amne akka hin jirre argarsiistuu kan taate haadha kana , Pirezidaantii Naannoo Gaambeellaa Kabajamtuu Aadde Alamituu Umad waliin ta’uun mana isheen boqottee jirtutti argamuun baga gammadde jedhaniiru.Haati kun, aadaa maqaa baasuu barame dhiisuun, maqaa mucaashee Koreen Marii Biyyaalessaa akka baasuuf gaafatte irratti hunda’uun maqaa daa’imichaa “Mikikkir” jettee moggaasteetti.Har’as yeroo dhaqne, dargaggeettiin kun kaayyoo guddaa biyyaalessaa dhufteef galmaan gahuuf, boqonnaa guyyoota muraasaa booda gara yaa’ii Marii Biyyaalessaatti onnee guutuun akka deebitu mirkaneessiteetti jedhan.Kantiibaa Adaanech Abeebeen hanga isheen marii kana xumurtee gara iddoo dhufteetti hanga deebitutti deeggarsa ishee fi mucaa isheef kan taasisan ta’uu ibsaniiru.Obboleettiin keenya mucaa ishee dhiiraa nagaan deessee akkuma gammachuun guutamte, biyyi keenya Itiyoophiyaanis rakkoolee qunnaman tokko tokko irraa marii fi waliin dubbachuun furmaata argattee boqonnaa ce’umsaa guddaa fi murteessaa akka ta’uuf amantaa qabaachuu kaasan.