Finfinnee, Adoolessa 9, 2018 (FMC)- Faayidaa biyyaaleessaa keenya dabarsinee kennuurra, dhimmoota walii hin gallerratti mari’achuun furuu qabna jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Sirna baniinsa Yaa’ii Maree Biyyaalessaa guyyaa kaleessaa eegalerratti argamuun ergaa dabarsaniin, qaamoolee faayidaa biyyaalessaa keenya nurraa butuuf marsan irraa fagaachuu qabna jedhan.Itiyoophiyaanota gidduutti amummaa waldhabdeen uumamee fi walitti bu’iinsi uumame qaamooleen dhimma keessoo keessa lixuun nageenya ishee booreessuufi carraa ishee butuuf qophaa’an barootaaf jiraachuu eeraniiru.Itiyoophiyaan waggoota dheeraaf eeggattee fi bulchaa kan turte Galaana Diimaa kan dhabde sababa waldhabdee keessoo kanaan malee, humni faayidaa fi fedhii ishee dhaabsisuu danda’u jiraate miti jedhan.Itiyoophiyaan ofii ishee bira darbitee naannawicha fayyadaa kan turte galaana diimaa kan dhabde sababa dadhabina keessoo fi mari’achuu dhabuutiin akka ta’e ibsuun, yeroo biyya ijaarruu fi misoomsinu humnoonni hin turre qaawwa keenya fayyadamanii faayidaa biyyaalessaa keenya nurraa butuuf marsan irraa fagaachuu qabna jedhaniiru.Dadhabinaa fi yeroo keenya eeggachuun faayidaa keenya akka hin eegsisfanne qaamoolee taasisanirraa fagaachuun faayidaa fi birmadummaa biyyaalessaa eegsisuun barbaachiisaa ta’uu hubachiisaniiru.Waldhabdee keessoo ifatti mari’achuu fi rakkoolee karaa nagaatiin furuun qeeqa seenaa jalaa ba’uun, dhaloota dhufuuf biyya fooyyoftuu tursiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.Mihirat Damiseetiin.#Oromia #Ethiopia