Fedhii dhuunfaa yookaan garee keessaa bahuun nageenya biyyaafi egeree dhalootaaf haqummaan haa mari’annu -Piroofeesar Masfin Ar’aayaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Fedhii dhuunfaa yookaan garee keessaa bahuun nageenya biyyaafi egeree dhalootaaf jennee garaa bal’inaan fi haqummaan haa mari’annu jedhan Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaan.Yaa’iin Marii Biyyaalessaa guyyaa har’aa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad fi hoggantoonni Olaanoon Mootummaa argamanitti Giddigala Konveenshinii Idil-addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.Piroofeesar Masfin Ar’aayaan wayita kana marii jechuun heddummina keenya kan ittiin balleessinu osoo hin taane waltajjii garaagarummaa keenya kara ammayyaa ta’een qabannee sirna waloon jiraachuu dandeenyu ittiin diriirsinudha jedhan.Yaa’iin guyyaa har’aa eegalames akka waldhaggeeffannuuf, dhukkubbii warreen kaanii akka hubannuuf, waloon carraa egeree keenyaa irratti akka waliigalluuf carraa guddaa kan kennudha jechuun ibsaniiru.Koomishinichi hundeeffama isaarraa eegalee itti gaafatamummaa biyyaa galmaan gahuuf hojiilee hedduu hojjechaa turuus yaadachiisaniiru.Bu’aaleen yaa’ii marii biyyaalessaa kanarraa eegaman carraa egeree biyyattii kan murteessan ta’uus hubachiisaniiru.Barii adeemsa kanaatti dhimmoota ijaarsa biyyaalessaa bu’uuraa irratti waliigalteen biyyaalessaa, dhimmoota waggoottaniif walitti bu’iinsa uumaa turan irratti furmaata waloo kaa’uun nageenyaafi tasgabbii waaraa mirkaneessuu, mootummaafi lammiilee gidduu akkasumas humnoota siyaasaa garaagaraa gidduutti amantaa cimaa ijaaruun ni eegama jedhaniiru.Hundi keenya fedhii dhuunfaa yookaan garee keessaa bahuun nageenya biyyaafi egeree dhalootaaf jennee garaa bal’inaan fi haqummaan haa mari’annu jechuunis dhaamaniiru.#Oromia #Ethiopia