Galaana diimaa kan dhabne humnoota nuti osoo atakaaroo walqabnuu yeroo eeganii gidduu seenuun fedhii keenya karaatti hambisaniini—Dooktar Abiy Ahimad

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Galaana diimaa kan dhabne humnoota nuti osoo atakaaroo walqabnuu yeroo eeganii gidduu seenuun fedhii keenya karaatti hambisaniini jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.Sirni eegalchiisa Yaa’ii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti guyyaa har’aa Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffameera.Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana, garaagarummaa mariin furuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuufi nageenya waaraa mirkaneessuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.Itiyoophiyaa keessa rakkoolee hedduun jiraachuu eeranii, rakkoolee kanneen gara carraatti jijjiiruun yoo danda’ame dhaloota fooyyee qabu uumuun akka danda’amu kaasaniiru.Yaa’iin marii biyyaalessaa kunis biyya kan baraaruu fi ijaaru akkasumas seenaa galmeessuuf carraa kan kennudha jedhan.Carraalee waggoottan darban keessa argaman hunda fayyadamuun dameewwan siyaasaa, diinagdeefi loltummaa keessatti riifoormii gaggeessuun bu’aalee hedduun argamuu yaadachiisaniiru.Sababni ijoon Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka dhabdu godhe daba mootummaa hin filatamneefi irratti hin mari’atamne akkasumas qoqqooddaa keessaafi dhibaa’ummaa ta’uu ibsaniiru.Galaana diimaa kan dhabne humnoota nuti osoo atakaaroo walqabnuu yeroo eeganii gidduu seenuun fedhii keenya karaatti hambisaniinidha jedhaniiru.Humni fedhii Itiyoophiyaa dhaabuu danda’u hin jiru; kan nuuf hin milkoofne dhibaa’ummaa keenyaan malee dandeettii dhabneef miti jedhan haasawa taasisaniin.Malaakuu Gaddifiin.#Oromia #Ethiopia