Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 bu’aa % 96 oliin xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Raawwiin hojii bara 2018 fi karoorri tarsiimoo waggaa 5 magaalaa Finfinnee bu’aa % 96 oliin xumurame jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebeen.Gamaaggama gaggeeffamaa turen karoorawwan kana guutummaatti milkeessuuf aadaa hojii halkanii fi guyyaa (24/7) hordofuun, hanqinoota jiran sirreessuuf walii galameera jedhan.Waggoottan darban keessa bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf tajaajilli mootummaa dijitaala ta’uu eeran.Misooma namarratti xiyyeeffateen daa’imman, barattoota, dubartootaa fi maanguddootaaf xiyyeeffannoon kennamuu kaasan.Pirojeektonni kuma 60 ol saffisaan xumuramanis, carraan hojii miiliyoona 2.2 uumamuu ibsan.Garaagarummaan gahumsa hoggansaa, hanqinni naamusaa fi bulchiinsa odeeffannoo qormaatilee turan ta’uu himan.Fuulduratti qaala’iinsa jireenyaa fi gabaa tasabeessuu, carraa hojii babal’isuu, Wiirtuu tajaajila giddugala tokkoo Masoob cimsuu, dhiheessii manneen jireenyaa, geejjibaa, daandii fi bishaan dhugaatii fooyyessuuf kutannoon kan hojjetamu ta’uu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.#Oromia #Ethiopia