Gaaffii hawaasni dhiyeessii Bishaanii fi uwwisa daandiin walqabatee kaasu deebisuuf hojjetamaa jira

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.Hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii fi Daandii fi Loojistiksii Oromiyaa gaaffiilee dhiyeessii Bishaan Qulqulluu fi uwwisa daandiin walqabatee miseensota Caffeerraa ka’aniif ibsa kennaniiru.Biiroon Daandii fi Loojistiksii Oromiyaa gaaffii hawaasni gamaa daandiitiin qabu dhawata dhawataan deebisaa jiraachuufi fuuldurattis deebisuuf xiyyeeffannoo olaanaan kan hojjatan ta’uu Hooggantuun Biirichaa Injinar Helen Taammiruu ibsaniiru.Humna dhabuun kontiraaktaraa, qaala’insi meeshaalee ijaarsaafi rakkoon nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atu pirojektoonni daandii akka harkifatuuf sababa ta’uus eeranii, rakkoolee kanneen qaamolee dhimmi ilaalu waliin ta’uun furuun gaaffilee hawaasni gama kanaan qabu deebisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu himan.Waliin gahiinsa bishaan dhugaatii naannichaa dabaluuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jiraachuu Hooggantuun Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miliyoon Baqqalaa dubbataniiru.Biirichi hirmaannaa hawaasaa, deeggartootaafi baajata mootummaatiin uwwisa bishaan dhugaatii dabaluuf hojjataa jiraachuu ibsan.#Oromia #Ethiopia