Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Adeemsa Maree Biyyaalessaa ilaalchisee odeeffannoon qaamoleen tokko tokko miidiyaa hawaasummaan tamsaasaa jiran odeeffannoo sobaati jedhe Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.Itiyoophiyaan yeroo jalqabaaf marii Itiyoophiyaanota hundaaf faayidaa olaanaa qabuu fi biyyattiif bu’uura ta’uu gaggeessaa jiraachuu ibse.Marichi akka milkaa’u Lammiileen biyyattii odeeffannoo sobaarraa of eeguun komishinicharratti amantaa qaban cimsuun deeggarsa isaanii akka itti fufan Komishinichi waamicha dhiyeessera.Yaa’ii Maree Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 eegalee gaggeeffamaa jiru ilaalchisee garee fi namoonni dhuunfaan miidiyaalee hawaasummaa garaagaraan odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiraachuu Komishinichi bara gaheera jedhe.Komishinichi dhaabbata bilisummaa guutuun yaadota garaagaraa fudhatu ta’us, ummanni bal’aan Itiyoophiyaa odeeffannoo sobaatiin akka hin dogoggorre hordofuu fi beeksisuuf dirqama qaba.Mariin biyyaalesaa kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu ibsuun, adeemsichi milkiin akka xumuramu lammiileen obsa ogummaa fi miira itti gaafatamummaan akka hirmaatan murannoo waloon of kennuu irratti hundaa’a jedhe.Kunis raawwatamaa jira.adeemsichi haa eegalamu malee bu’aan isaas hanga ammaatti kan hin ifoomne ta’uu eere.Bu’aa isaa obsaan eeguun ammoo ummata Itiyoophiyaa hundarraa kan eegamu ta’uu hubachiise.Yeroo kun ta’aa jirutti namoonni dhuunfaa fi gareewwan tokko tokko komishinichi marii isaa eegaluuf rakkoon akka isa mudateetti miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoo dogoggoraa wayita tamsaasan mul’ataniiru.Ummanni hundi odeeffannoo sobaa kanarraa akka of eegan komishinichi gaafateera.#Oromia #Ethiopia