Dhaloota dorgomaa, naamusaafi dandeettii qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjtamaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.Mootummaan xiyyeeffannoo misooma barnootaaf kenneen waggoottan darban hojiileen hojjetamaniin dhaloonni barnoota qulqullinaa qabuu fi dhaqqabamaa ta’e argachaa jira jedhan.Haaluma kanaan dhaabbilee barnootaa babal’isuun walqabatee Manneen Barnootaa bu’uura Boruu kuma 20 fi 264 ijaaruuf karoorfamee kuma 20 fi 200 ijaaruun danda’amuu himan.Akkasumas walgitiinsa barnootaa mirkanneessuuf garaagarummaa koorniyaa fooyya’uu kaasaniiru.Dhiyeessii kitaabileenis fooyya’iinsi olaanaan mul’achuu ibsan.Rakkoolee siyaas-dinagdeefi nageenyaa wal-xaxaa addunyaa qoraa jiran akka carraatti fayyadamuun gantoonni seenessa boodatti hafaa leellisan nagaafi tasgabbiin akka hin uumamne wixxifachaa turuu ibsan.Humnootni kunneen ergamaafi deeggarsa diinota biyya alaafi keessaa fudhachuun namoota nagaa galaafachuu, qabeenya saamuufi barbadeessuun seenaa hin taane ofirratti galmeessaniiru jedhan.Humni wal-hin fakkaanne, kaayyoo walii-faallaa qaban miira inaaffaa qaban milkeeffachuuf qofa gamtoomanii biyyaafi lammiilee nagaarratti gantummaafi gocha gara-jabinaa raawwachuun qaanii ta’uus ibsan.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia