Bara 2019 diinagdeen naannoo Oromiyaa % 11.7 akka guddatu raagame – Pir. Shimallis Abdiisaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii bara baajata 2018 dhiyeessaa jiru.Diinagdeen Naannoo Oromiyaa waggoottan darban keessa karaa itti fufiinsa qabuun guddacha dhufe, bara 2019 %11.7tti akka guddatu raagameera jedhan.Indaastiriin % 23.7,qonni 8.6 % tajaajilli % 9.2 ni guddatu jedhame eegama jedhan.Akkasumas bara baajata 2019 oomishaa fi oomishtummaa qonnaa dabaluuf qorannoo fi qo’annoorratti hundaa’uun kan hojjetamu ta’uu kaasan.Bara 2018/19 qonna arfaasaatiin lafa heektaara miiliyoona 1.9 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 46.2 argachuuf karoorfamuu ibsan.Qonna gannaatiin immoo lafa heektaara miiliyoona 12.35 facaasuun oomisha kuntaala miiliyoona miiliyoona 300 fi miiliyoona 93.32 argachuuf kan hojjetamu ta’a jedhan.Bara 2019 biqiltuu Bunaa biiliyoona 3 qopheessuun lafa heektara miiliyoona1.8 irra dhaabuum oomisha kuntaala miiliyoona 21.83 saassabuuf karoorfamuu eeran.Misooma baala shaayiin ,baala shaayii miiliyoona 22 qopheesuuf karoorfameera jedhan.Dargaggoota miiliyoona 2.86’f carraa hojii dhaabbiin uumuuf karoorfameera jedhan pireezidaanti Shimallis Abdiisaa.Tsahaay Gulummaatu gabaase.#Oromia #Ethiopia