Finfinnee, Adoolessa 6, 2018 (FMC) – Baajanni bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara baajataa 2019 Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 2 ol ta’uun ragga’eera.Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 4ffaa bara hojii 5ffaa marasaa 3ffaa gaggeessaa jiruun wixinee baajataa dhiyaaterratti mari’ateera.Haaluma kanaan baajata bara hojii 2019’f Birrii biiliyoona 500 fi biiliyoona 2 fi miiliyoona 200 fi miiliyoona 70 ol ta’uun dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera.Baajanni ragga’es kan bara hojii xumurameen yoo madaalamu Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 52. 26’n caalmaa qabaachuu ibsame.#Oromia #Ethiopia