Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Iraaq waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP 31 cinaatti Pireezidaantii Iraaq Niizaar Amiidii waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.Hariiroo waloo biyyoota lamaanii cimsuu, akkasuma dandeettii tumsa misoomaa qaban gara bu’aa qabeessummaatti jijjiiruuf marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.Dabalataan karoora misoomaa Itiyoophiyaa fi fedhii waloo biyyoota lamaanii, akkasuma dhimmoota naannawaarratti mari’achuu isaanii ibsan.Tumsa hojii irra ooluu danda’u milkeessuuf hariiroo cimaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu isaa xiyyeeffannoon ilaalleerra jedhan.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa