Ijaarsi Piroojektii Madda Anniisaa Kooyishaa % 78 irra gahe

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC) – Ijaarsi Piroojektii Madda Anniisaa Kooyishaa % 78 irra gahe jedhe Humni Elektirikii Itiyoophiyaa.Dhaabbatichi raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara 2019 gamaaggameera.Baatiwwan sadi keessatti Konkiriitii RCC guutuuf yaadame Meetir Kiyuubii kuma 200 fi kuma 55 keessaa Kumni 200 fi kumni 50 guutamuu gamaaggamichaan ibsameera.Waliigala Konkiriitii RCC Meetir Kiyuubiin miiliyoonni 6.4 guutamuun Konkiriitiin RCC guutamuu qabu % 82.29 qaqqabuu himame.Hidhichi wayita xumurame Dheerinni isaa meetira 201.5 ta’uu kan qabu yoo ta’u, Koochoon Bitaa meetira 145, akkasuma kutaaleen biroo giddu galeessaan meetira 138 irra gahuu eerame.Hojiilee Elektiroomakaanikaalii tarbaayinoota hidhichaa 6’f hojiin meeshaalee bituu, imalchiisuu, walitti hidhuu fi dhaabuu akkaataa karooraan raawwatamaa jiraachuu gamaaggamichaan ka’eera.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa