Finfinnee, Sadaasa 4, 2019 (FMC)- Lammiileen mana jireenyaa salphaatti bitachuu akka danda’aniif, baankotaa fi dhaabbilee fandii faayinaansii waliin qindoomuun sirni keessa jiraataa kaffalan mijataa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.Dooktar Abiy Ahimad sadarkaa ijaarsa manneen jireenyaa kuma 100 magaalaa Finfinnee daawwataniiru.Dooktar Abiy Ahimad Sochii manneen jireenyaa miiliyoona 1.5 ijaaruuf taasifamaa jiru keessatti dandeettii meeshaalee ijaarsaa kanneen akka sibiilaa, daawwitii fi seraamikaa biyya keessatti oomishuu guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhan.Adeemsa ijaarsa manneen jireenyaa keessatti sirni faayinaansii fi tajaajilli liqii mana jireenyaa waliin yoo hin diriirfamne, lammiileen manneen jireenyaa salphaatti bitachuu kan hin dandeenye ta’uu dubbatan.Haaluma kanaan baankotaa fi dhaabbilee fandii faayinaansii waliin qindoominaan hojjechuun lammiileen manneen jireenyaa keessa jiraatanii kaffaltii isaanii suuta suutaan raawwachuu akka danda’an sirni mijataan diriirfamaa jiraachuu kaasaniiru.Tumsa Mootummaa fi damee dhuunfaan Finfinneetti manneen jireenyaa kuma 100 ol ijaaruuf hojii eegalle waggaa tokko gaditti sadarkaa gaariirra gaheera jedhan.Keessumaa naannawaa Markaatootti jijjiiramni saffisaa ijaarsa manneen jireenyaa fi haala jireenyaa keessatti mul’ate yeroo gabaabaa keessatti bu’aa guddaa argamsiisuu ibsan.Manneen jireenyaa kuma 100 kunneen yeroo xumuraman muuxannoo kana bal’inaan itti fufsiisuuf ni hojjetama jedhan.Itiyoophiyaa keessatti rakkoon mana jireenyaa magaalaa qofa hin jiru kan jedhan Dooktar Abiy, jireenya qonnaan bultootaa baadiyyaatti fooyyessuu, akkasumas magaalota keessatti rakkoo lammiilee tajaajila bu’uuraa osoo hin argatin jiraatanii furuuf manneen jireenyaa miliyoonaan lakkaa’aman barbaachisoo ta’uu ibsaniiru.Rakkoolee manneen jireenyaa kana furuuf rakkoo bal’aan maallaqa qofa osoo hin taane, beekumsa, dizaayinii qulqullina qabuu fi meeshaalee ijaarsaa ta’uu himan.Tsahaay Gulummaatiin.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa