Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Pirezidaantii Turkiyyee waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii hoggantootaa COP31 dura Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaatti argamuun Pirezidaantii Rippabiliika Turkiyyee Rajib Xayyib Erdogaan waliin marii bu’a qabeessa geggeessuu ibsaniiru.Hariiroo michummaa cimaa biyyoota lamaanii bu’uura godhachuun, carraawwan tumsa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti cimsuu dandeessisan irratti mari’achuu fuula miidiyaa hawasummaa isaaniin ibsaniiru.Dooktar Abiy marii kanan, qophii Turkiyyeen COP31 keessummeessuuf taasiftee fi yaa’ichi haala ho’aa fi milkaa’ina qabuun akka xumuramuuf tattaaffii gochaa jirtuuf dinqisiifannaa qaban ibsaniiru.Qophii Itiyoophiyaan aangoo Pirezidaantummaa COP32 fudhachuuf qophaa’aa jirtu keessatti tumsa Turkiyyee fi dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo waloo barbaadan irratti waliin hojjechuuf carraawwan jiranis marii isaanii keessatti kaasuu eeraniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa