Itiyoophiyaan Gabatee Meedaaliyaa Atileetiksii Dargaggoota Addunyaa irratti Sadarkaa 1ffaa qabachuun xumurte

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Tapha Olompikii Dargaggootaa Addunyaa bara 2026 Seeneegaal, Daakaaritti gaggeeffame irratti dorgommii atileetiksiin addunyaa irratti sadarkaa 1ffaa qabachuun xumurte.Itiyoophiyaan dorgommii kanaan meedaaliyaa warqii 5 fi meetii 3, waliigalaan meedaaliyaa 8 injifatteetti.Kanaanis gabatee meedaaliyaa atileetiksii addunyaa irratti sadarkaa 1ffaa qabachuun dorgommicha xumurteetti.Bu’aan kun dandeettii atileetota dargaggootaa Itiyoophiyaa dhaloota itti aanuu, seenaa atileetiksii biyyattii itti fufsiisuu danda’anii fi abdii gara fuulduraa qaban kan mul’isu milkaa’ina guddaa ta’uun ibsameera.Ministirri Dargaggootaa fi Ispoortii Dooktar Akiililuu Taaddasaa ergaa dabarsaniin, dorgommichi d!argaggoonni Itiyoophiyaa atileetota gootota duraanii fakkeenya godhachuun seenaa irra deebi’anii kan itti hojjetanii fi maqaa biyya isaanii addunyaarratti ol kaasanii dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.Bu’aan argame kun xiyyeeffannoon Mootummaan misooma ispoortii dargaggootaaf kenne bu’aa argamsiisuu eegaluusaa kan agarsiisu ta’uus kaasaniiru.