Jijjiirama qabeenya qilleensaaf deebii saffisaa kennuutu barbaachisa– Antooniyoo Guutareez

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Jijjiirama qabeenya qilleensaaf deebii saffisaa kennuutu barbaachisa jedhan Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez.Yaa’iin Qabeeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.Gadi lakkifamni Kaarbanii fi hammi ho’aa dabaluun addunyaa balaa olaanaaf saaxilaa jiraachuu dubbatan Antooniyoo Guutareez haasawa yaa’icharratti taasisaniin.Kunis sababa jijjiirama qabeenya qilleensaan caalmaatti dabalaa akka jiru eeran.Miidhaan jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru deebii fi qophummaa biyyootaa waliin kan walhin ginne ta’uu hubachiisan.Biyyoonni deebii jijjiirama qilleensaaf laachuu qaban dagachuun addunyaa gara miidhaa hamaatti geessaa jiraachuu dubbatan.Biyyoonni jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuuf waadaa galan sirnaan gara hojiitti akka hiikaan waamicha dhiyeessaniiru.Mootummoonni oomishaalee boba’aa fi gaazirra dhorka kaa’uu akka qaban yaadachiisan.Miikiyaas Ayyaalaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa