Kantiibaa Adaanech Abeebeen Hojii Raawwachiistuu Olaantuu Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii waliin mari’atan

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019(FMC)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Hojii Raawwachiistuu Olaantuu Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii (CIFF) Keeti Haampitan waliin mari’ataniiru. Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Yaa’ii COP31 cinaatti Hojii Raawwachiistuu Olaantuu Faawundeeshinii Fandii Invastimantii Daa’immanii (CIFF) Keeti Haampitan waliin marii bu’aa qabeessa gaggeessuu ibsaniiru. Marii isaaniin Itiyoophiyaan biyya Yaa’ii COP32 qopheessitu ta’uu isheetiin carraalee tumsaa, akkasumas qabiinsaafi itti fayyadama balfaa, sagantaa Ashaaraa Magariisaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufi tumsa magaalotaa cimsuu irratti mari’achuu eeraniiru. Misooma magaalaa waaraa, magariisaafi hammataa ta’e mirkaneessuuf tumsa qabnu gara gochaa qabatamaatti jijjiiruun dhaloota har’aafi egereef magaalaa waaraafi fooyyofte ijaaruuf kutannoon ni hojjennas jedhaniiru. #Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa