COP 31 fi hirmaannaa Itiyoophiyaa…

Wait 5 sec.

Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii (COP31) Turkiyyee, Antaaliyaatti taa’amaa jirurratti hirmaachaa jirti.Yaa’ichi mata-duree “jecharraa gara gochaa fi raawwiitti ce’uu’’ jedhuun gaggeeffamaa jira.Faayinaansii qabeenya qilleensaa, adeemsa jijjiirama qabeenya qilleensaa qolachuu, ce’umsa anniisaa haqa qabeessaa fi dhiibbaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisu ajandaalee ijoo yaa’ichaa ta’uutu ibsame.Itiyoophiyaa yaa’ii kanarratti ajandaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa calaqqisiisaa jirti.Itiyoophiyaan biyya Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa qopheessitu ta’uu isheen milkaa’ina yaa’ichaaf qophii barbaachisu taasisaa jirti.Keessattuu hirmaannaan isheen Yaa’ii 31ffaarratti gootu yaa’ii itti aanuuf bu’uura kan kaa’uu ta’uu isaan itti gaafatummaa ishee karaa qindoomina qabuun raawwachaa jirti.Kaayyoo ijoon Itiyoophiyaan COP-31 irratti galmaan gahuu barbaaddu keessaa tokko, adeemsa marii fi waliigaltee waltajjichaa bu’a qabeessa taasisuun COP-32’f bu’uura kaa’uudha.Yaa’ii COP -31 Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jiruurratti Paaviiliiyooniin Itiyoophiyaas banameera.Yaa’ichaan cinaatti mariiwwan waloo garaagaraa gaggeeffamaa jiru.Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP -31 cinatti Pireezidaantii Turkiyyee Rajib Xayyib Erdogaan, Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaabii fi Ministira Muummee Baarbedoos Miiyaa Mootilii waliin dhimmoota waloorratti mari’aniiru.Qophii Itiyoophiyaan aangoo Pirezidaantummaa COP32 fudhachuuf qophaa’aa jirtu keessatti tumsa Turkiyyee fi dhimmoota naannawaa xiyyeeffannoo waloo barbaadan irratti waliin hojjechuuf carraawwan jiranis marii isaanii keessatti kaasuu eeran.Pireezidaantiin COP32 fi Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos, waltajjii COP31 Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jiruun ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan biyyoota jijjiirama qilleensaan miidhamaniif tumsa qabdu mirkaneessaniiru.Dorgommiin teeknooloojii, invastimantii fi daldalaa irratti taasifamu tarkaanfiiwwan jijjiirama qilleensaa irratti fudhataman gufachiisaa jiraachuu hubachiisan.Hojiileen Itiyoophiyaan jijiirama qabeenya qilleensaarratti hojjechaa jirtu beeksisuuf COP- 31 carraa kan uume ta’uu himan.COP31 faayinaansii, ce’umsa haqa qabeessaa fi mala hojii irra oolmaa irratti guddina qabatamaa fiduu akka qabu dubbatan.Itiyoophiyaan pireezidaantummaa COP32 fudhachuuf yeroo jettu, amantaa tumsa idil-addunyaa jijjiirama qilleensaa irratti hundaa’e deebisanii ijaaruun xiyyeeffannoo dursaa ishee ta’uu kaasan.Biyyoonni guddataa jiran hojiilee jiijjiirama qilleensarratti hojjetaa jiran akka milkeessan, bu’a qabeessummaa fandiiwwan deeggarsa jijjiirama qilleensaa guddisuun barbaachisaadha jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa fi Mariisistuu Olaantuun COP32 Dooktar Fitsum Asaffaan ibsaniiru.Paaviiliyooniin Itiyoophiyaan qopheessite bal’inaan addunyaatti ishee beeksisuu fi qophii COP32 bal’inaan mul’isuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeran Dooktar Fitsum Asaffaa ibsan.Yaa’ichi guyyoota 12’f itti fufiinsaan taa’ama.Itiyoophiyaanis hojiilee beeksisuu, ejjennoo qabduu fi qophii COP32’f taasiiftu caalmaatti cimsitee itti fufti.Siifan Magarsaatiin#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa