Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii COP – 31 cinatti Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaab waliin mari’ataniiru.Dooktar Abiy Ahimad gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, ergaa dabarsaniin, Yaa’ii COP -31 cinatti Pireezidaantii Fiinlaandi Aleeksaandar Istaab waliin mari’aneerra jedhan.Walga’ii gamlamee kanaan dura Yaa’ii Biyyoota Garee 20 (G 20) irratti taasifamaniifi hojiirra oolmaa isaanirratti mari’achuu ibsaniiru.Dhimmoota ijoo nageenyaa fi tasgabbii idil addunyaa, haalota jijjiiramoo naannawaa fi fedhiiwwan waloorrattti mari’achuus kaasaniiru,.Kunis deeggarsa Fiinlaandi Pireezidaantummaa Itiyoophiyaa COP- 32 ‘f qabdu dabalatee, dameelee waliigalteen waloo irra gahame caalmaatti cimsuuf xiyyeeffannoon addaa kan itti kenname ta’uu himaniiru.#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa