Mariin Galaana Diimaa ilaalchisee gaggeeffamu Faayidaa Itiyoophiyaa yaada keessa kan galche ta’uu qaba – Ministeera Dhimma Alaa

Wait 5 sec.

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Mariin naannawaa fi hariiroowwan tarsiimawaa Gaanfa Afrikaa fi Yaa’a Laga Abbayyaa irratti taasifamu kamiiyyuu, dhugaa uumamaa fi seenaa lafa irratti mul’atan bu’uura godhachuu qabu jedhe Ministeerri Dhimma Alaa.Dhugaa kanaan Itiyoophiyaan madda laga abbayyaati.Lagni Abbayyaa ka’umsi isaa guutummaan guutuutti garreen Itiyoophiyaati. Abbayyaa Laga Naayiil keessatti gumaacha % 85 ol qaba.Haa ta’uu malee haala itti fayyadama, bulchiinsaa fi haqa qabeessummaa laga abbayyaa ilaalchisee mariin taasifamu kamiiyyuu kana bu’uura kan godhate ta’uu qaba.Akkasuma Itiyoophiyaan seenanis ta’ee teessuma lafaan karra galaanaa waliin hidhata qabdi.Haalli siyaasaa fi jijjiiramoonni yoo uumaman illee, Itiyoophiyaan hanga ammaatti Galaana Diimaa waliin hidhata guddaa qabdi.Itiyoophiyaan Kiiloo Meetira 50 qofa galaanaa diimarraa faggaattee argamti.Kanaaf mariin dhimmoota Maariitaayimii, daldalaa fi nageenya Ulaa Galaanaa ilaalchisee gaggeeffamu kamiiyyuu bu’aa qabeessa ta’uu kan danda’u, fedhii haqaa Itiyoophiyaa, mirgoota seenaa fi hidhata Galaanaa Diimaa waliin qabdu yoo bu’uura godhate qofaadha.Murteewwanii fi mariiwwan dhugaa kanneen bu’uura hin taasifne rakkoo hamaa naannawaa kan qaqqabsiisu ta’a.Shirrii fi sosochiin humnoota bakka bu’aan raawwataman ta’ees gochaawwan walitti bu’iinsa kaasan kamiiyyuu dhuga qabatamaa lafarra jiru jijjiiruu hin danda’an, akkasuma fedhii seeraa, gahee naannawaatti qabduu fi itti gaafatamummaa seenaa Itiyoophiyaa goonkuma hir’isuu hin danda’an jedhe Ministeerri Dhimma Alaa ibsa har’a baaseen.Itiyoophiyaan yeroo hunda hariiroo karaa nagaa, walkabajaa fi qajeeltoo naannawaa irratti hundaa’e tarkaanfachiisuu itti fufti.Itiyoophiyaan Birmadummaa, tokkummaa bulchiinsaa fi faayidaa biyyaalessaa ishee kabachiisuu fi eeguuf qophummaa gahaa qabdi jedhe.Kana cinattis, qaamoleen naannawaa hundi rakkoolee fi qormaatilee waliinii walitti bu’iinsaa fi ilaalcha inni tokko yoo fayyadame, inni biraa ammoo dirqama miidhamuu qaba jedhurra, fagaachuun marii ijaarsaa, tumsaafi qajeelfama ollummaa gaarii irratti hundaa’uun akka furan waamicha dhiyeessera.#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa