Finfinnee, Fulbaana 25, 2019 (FMC) – Ummata tajaajiluu, dandeettii cimsuu fi carraalee babal’isuun ergama Mootummaa Ida’amuu Haaraa hundeeffamaa jiruutiFilannoon Marsaa 7ffaa boqonnaa ummanni fedhii, dantaafi bilisummaa isaa ittiin labsate ture.Akkasumas dagaagina aadaa demokiraasii keessatti tarkaanfii seenaa murteessaa ture.Mootummaa Ida’amuu Haaraan fedhii Ummataa kutannoo guutuufi gahumsa olaanaan akka raawwatuuf imaanaa haaraa kan itti fudhateedha.Galmi isaas sirna mootummaa fedhii ummataa tajaajilu, dandeettii isaa cimsu, carraalee babal’isuufi haalota dandeessisoo uumu ijaaruudha.Dinagdeen biyyattii waggoottan shanan darban keessa guddachaa dhufuun isaa kan beekamuudha.Karoora Waggoota of danda’uu shanan dhufan keessatti ammoo caalmaatti guddisuun dinagdee gooroo tasgabbaa’aa, guddina saffisaafi ittifufiinsa qabu dhugoomsuuf cimsee kan hojjetu ta’a.Indaastirii gara humna ijoo ce’umsa caasaa dinagdeetti ceesisuun, gahee inni dinagdee waliigalaa keessatti qabu caalmaatti guddisuuf karoorfameera.Galmi karoora kanaas Paarkiilee indaastirii qonna qindaa’oo, zoonii dinagdee addaafi meeshaalee manifaakchariingii biyya keessatti omishuu cimsuun.Invastimantii dhuunfaaf lafaafi deeggarsa barbaachisuu dhiyeessuun kaappitaala isaanii gara omisha, carraa hojiifi sirna oomishtummaa dorgomaatti jijjiiruudha.Qabeenya albuudafi carraa turizimii jiru sirnaan misoomsuun damdaneessummaa dinagdee qixaan mirkaneessuudha.Dandeettii galii maddisiisuu guddisuufi dandeettii galii sassaabuu ammayyeessuu.Baadiyyaafi magaalaa sirna dinagdee tokko jalatti ijaaruun, jiraataa magaalaa, akkasumas qoteefi horsiisee bulaan magaalota keessatti daawwataa misoomaa osoo hintaane, hirmaataa, murteessaafi abbaa qe’ee taasisuu.Qonna ammayyeessuu, hirkattummaa roobaa hir’isuufi manifaakchariingii cimsuun qonna gara bu’uura indaastiriifi cancala sonaa ariifataatti ceesisuudha.Ce’umsa hawaas-dinagdee kana qabatamaan dhugoomsuuf nageenyi waaraan bu’uura murteessaadha.Mootummaan waldhiibinsaafi jibbiinsa siyaasaa hambisuun, marii, marabbaa, araarafi waliigaltee cimsuun nageenya waaraa ijaaruuf caalmaatti ni hojjeta.Walumaagalatti Injifannoowwan hanga ammaatti argaman gara oomishtummaa olaanaa, carraa hojii bal’aa, dinagdee dorgomaafi badhaadhina ummataa qabatamaatti jijjiiruun ammoo ergama waggoota shanan itti aananii Mootummaa Ida’amuu haaraati.Har’a guyyaa mootummaan Ida’amuu haaraan itti hundeeffamuudha.Hundeeffamni mootummaa haaraa kun cehumsa aangoo qofa osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu fi ijaarsa biyyaa cimsuuf carraa haaraadha.Siifan Magarsaatiin#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa